Skip to content. | Skip to navigation

Sections
Personal tools
You are here: Home Patient Education Cancer General Cancer What is Cancer? - Oromo

What is Cancer? - Oromo

Golfeen (kaansarri) maali?

Golfeen (kaansarri) dhukuba nama heeddu roraasu (miidhu). Waayee golfee dhagayuu namni hedduun hin sodaata. Sodaan kuni yeroo tokko tokko waayee golfee dhagayanii gocha golfee irraa isaan dhoowwu godhuuf ummata abdii murachiisa. Waayee golfee (kaansara) baruuni, sodaa kansaraa laaffisa.

Kansarri tuuta (group) dhukkuboota baay'ee ti. Kaansarri hiddi nafaa (seelin) karaa qajeelaa hin tayiniin yoo dalage dhufa. Nafni namaa seelota (hiddoota) bilionan lakkaayamu irraa dalagame. Hiddoota kana irraa nafni hundi tolfamee, warra akka corootaa (skins), lafoota (bones), onne, sonboota (lungs) fi humnoota biraa. Gudinna nafaa gargaaru fi cinaa nafaa qurcuuf, hiddoonni kuni uf midhaaysan ykn ni horan.

Wayta karaa tartiiba qajeelatiin malee hiddi uf midhaaysaa (qodhomaa) jiru, nu kanaan xanachaa (tumor) jennee yaamna. Xannachii kaansara malee (benign) ykn kansara wajjin (malignant) tahuu ni mala. Xannachii (tumor) kaansaraan malee banaan (benign) jedhama. Xanachii (tumor) kaansaraan wajji kuni malignant jedhama. Xanachii (benign) bal'atte gar malee gudatuu dandaya, garuu inni gara cinaa nafichaa hin faca'u . guddinni kunnis rakkoo fiduu hin dandaya. Karaa cufuu (blockage), bifa tolaa hin tahin namaa keennun hin mala. Garuu yeroo bay'ee hin murama, deebi'ee hin guddatu.

Xannachi (tumor) malignant jedhamu kaansaraan wajiini. Xannachi cinoota nafichaa itti dhihoo jiran seenee qabata. Inni gara cinoota nafichaa babal'atee xannacha haarayas umuu dandaya. Kunis metastasis jedhama. Xannacha malignaanti (malignant tumor) keessa hiddoonni (seelonni) gudataa jiran toohannoo ol tahu (ofiin bulu). Yeroo gariini, bakka xannachi (tumor) qaliinssan baafame, dhukubichii guddachuu itti fufuun mala, bikka inni jalqabeen. Yoo golfeen kun faca'ee jiraatee naannoo biroottillee gudachuu dandaya.

Maaltu golfee/kaansara fida?

Golfeen akka itti jalqabu, yoo jijiiramni seelota (hiddoota) guddina tooyatan keessatti aragamee dha. Jijjiiramni kun madaan dhufuun mala, madaa akka dhukkuba Hapitaytas B, ykn aara sijaaraa itti uf kenuun. Saayntistonni akka itti walii galan itti, yeroo dheeradhaaf namoonnii waan kaansara nama qabsiisu, carcinogens waan jedhamutti yoo of kennan kaansarri garii nama qabuu dandaya. Kaarsanojins hiddoonni (seelonni) karaa qajeelaa hin tahin akka gudattan godhu. Fakkin gaarin kaarsinoojin (carcinogens) kemikaala raammoo midhaan nyaattuti afuufamuu, summi (toxin) keemikaalaa, billiqa fi, sijaaraa irraa dhufa. Akasuma, sijaaraa hedduu aarsun kaansara sonbaa, ka kokkee ykn ka affuuffa sitti fiduu mala. Kaansaroota gariif, ka akka macaroo, xarangalla (prostate), harmaa ykn surrii wanni fidu hin beekamu .Akkasuma namoonni kuun dhukuba kaansara kana fakkaatu maalif namoota kuun irraa adda bayanii akka argatan hin beeeynu.

Hepatitis (dhukkuba tiruu) wal'aanun, aduun gubamuu dhabuun, ykn sijaaraa dhiisun, hiree kaansara argachuu xiqqeessa. Yeroon kaansara (golfee) laalun (waytta kaansarri xiqqaa fi osoo gar nafa biraa hin bal'atin) kaansara wal'aanuf karaa bana. Kaansaraan du'uu irraa nama oolcha.

Gariin dhukkubaa (madaa) ka kaansara namatti fidan yoo namoonni dhukkuba qaban waltuqan nama irraa namatti darba. Hatayuu malee kaansarri ufiin hin darbu. Nama kaansara qabu bira jiraachun kaansara hin argattu. Gariin gosa kaansaraa, ka akka kaansara harmaa ykn macaroo (colon) (warra) irraa darba. Yoo tokkoon fira keetii kaansara harmaa ykn kaansara macaroo qabaate hireen ati kaansara akkanaa argachuu gudaa dha. Kaansara fiixaa (warra) kee keesattii beekamaa kanaaf yeroon yoo uf laalte uf hin gargaarta.

Alaaman kansaraa waan asii gadii kana uf keessaa qaba

  • Sababa malee furdinni namaa gadi bu'uu
  • Qufaa TB hin taane, garuu ka hin dhaabanne qufa'uu
  • Dhiiga qufa'uu, dhiiga haqqisuu, ykn dhiiga udaanuu
  • Dhiiga muxxeen (beeqen) yaa'u ka dhiiga baati irra dubartitti dhufu kan hin tahin
  • Waan hin beekamneen coraan (gogaan) jijiramuu
  • Madaa coraa ka hin fayyinne
  • Sababaa tokkoon malee dadhabbiin namatti dhagahamuu
  • Dhiita sababa malee dhufu
  • Dhukkuba himuun hin dandayamne namatti dhagahamuu

Akeekkchiisa kana qabaachun kaansara qabaachuu miti. Mallattowwan kuni waan biraa tayuun ni mala. Yoo tokko ykn tokkoo ol mallattoo kana qabaatte, waan isaa beekuf doktora kee ilaali.

Dhukkuboota irraa uf eeguu fi Kaansara wal'aanuu - Fayyaa eeguf waa godhuu

Dhukkuba dhoogudhaan (ittisuudhan) fayyaa eegun akkaan barbaachisa dha. Yoo fayyaa qabaachuu barbaadde, nyaata qajeelaa nyaachun, spoorti godhun fi nafa kee ilaalun barbaachisaa dha. Mallatto kaansaraa ykn rakkina fayyaa yoo uf irratti agarte, dooktora ilaalun barbbaachisaa dha. Otuu ati uf irrati waa hin argin, doktorri kee kaansara akka ilaalamtu gorsuun ni mala. Yeroo sana kaansara fayyisuun salphaa dha. Dooktorri kee ilaale akka ati dhukubicha hin qabaanne mirkaneessun ni mala. Garuu yeroodhan dhukubicha arguun hiree wal'aanamuu fi fayyuu wayyeessa.

Kaansara adda addaa hedduutu jira. Kaansarri tokko tokko wal'aanuf salphaa dha. Wal'aansi kaansaraa wayyaahaa (fooyahaa) dhufee jira. Akkaatan wal'aansa durii dhibaa fi dhukubsatichaaf baay'ee rakkisaa ture. Kaansara wal'aanu teknologiin amma wayyeesse. Kansarri yeroon yoo barbaadame doktorri wal'aanssa haaraa kana dhimma itti baya. Kanaafuu rakkoon hin xiqaata; dhukubsataafis hin laafa. Kaansarri yeroon yoo barbaadame doktorri hiree gaarii milkii gaarin kaansara fayyisa. Kaansara qabda jechuun hin duuta jechuu miti. Yookin akka kaansaraan duutu fedhii Waaqayyoo (Rabbi) jechuu miti. Namoonni kaansara qaban yeroo baay'ee ni fayyu. Yoo kaansara qabaatte, abdii hin kutatin. Wal'aansa argachuun baay'ee barbaachisaa dha. Kaansarri harka caalan isaa feyyuu danda'a.

Waayee odeeffanno kanaa yoo gaafii qabaatte, ykn yoo waayee kaansara fi yeroon uf laaluu irra caalaa baruu barbaadde, doktora kee qunnami. Yoo golfee qabaachuu kee ka shakkitu taate, baallama dooktora kee wajjin qabadhu.

Qajeelfama Aadaa Golfee ykn kaansara Ameerikaa (The American Cancer Society) irra fuudhame: WHAT YOU KNOW ABOUT CANCER barreeffama jedhu jalatti, Harborview Medical Center, AANCART fi House Calls Programs kanaan qophaaye. Hiikan ka godhame sagantaa informeeshina fayyaa dhimma bayuuni, horii ykn maalaqqa ka gumaache` National Library of Medicine.